Waa'ee Keenyaa
Ejensii Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa
Baga Nagaan Dhuftan!
Ejensii Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa (EKMO)
Ejensiin Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa dhaabbata mootummaa Naannoo Oromiyaa jalatti hundaa’ee fi itti gaafatamummaa guddaa hawaasa sababa pirojektoota misoomaa adda addaatiin (bu’uuraalee misoomaa, babal’ina magaalaa fi invastimantii) qabiyyee lafaa fi qabeenya isaanii irraa kaafaman deebisanii dhaabuu irratti xiyyeeffatee hojjetu dha.
Ejensiin keenya waggoottan darban keessa “Imala Badhaadhinaa” Naannoo keenyaa keessatti gahee isaa bahaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa ragaa kaafamtoota 741,236 ta’an sirnaan qindeessuun deeggarsa hunda-galeessaa kennaa jira.
Nuti Eenyu ?
Ragaa Waliigalaa Kaafamtoota Misoomaa
741,236
Waliigala kaafamtoota misoomaa
417,059
Dhiira
324,177
Dubartoota
ERGAMA
Ergama Keenya
Hawaasa sababa misoomaan kaafamuuf bu’uuraalee misoomaa fi galteewwan biroo akka guutamuuf taasisuudhaan carraa hojii bu’a-qabeessummaan isaa qorannoodhaan mirkanaa’e irratti bobbaasuun jiruu fi jireenya isaanii itti fufiinsaan jijjiiruu dha.
Mul'ata
Mul’ata Keenya
Bara 2018tti Naannoo Oromiyaatti hawaasni sababa misoomaan kaafamu misooma Naannoo isaa keessatti hirmaataa ta’uun jiruu fi jireenya amansiisaa fi itti fufiinsa qabu jiraatee arguu.
wAA'EE kEENYA
Hundeeffama fi Seeraan Buluu Keenya
Nutis kan ijaaramne dambiiwwan fi labsiilee mootummaa Naannoo Oromiyaatiin yoo ta’u, keessattuu:
Dambii Lak. 229/2014 fi 472/2012 irratti hundaa’uun haqa-qabeessummaa tilmaama beenyaa hordofuu fi kabachiisuuf aangoo guutuu qabna.
Labsiilee fooyya’an kanneen akka Labsii 1161/2011 hojiirra oolchuun mirgi kaafamtootaa akka hin sarbamne ni hojjena.
Kaayyoo Keenya Inni Guddaan
Kaayyoon keenya hawaasni misoomaaf jecha buqqa’e ykn kaafame tokko, jireenya kanaan dura qabu irra gara jireenya fooyya’aa, amansiisaa fi itti fufiinsa qabutti akka ce’u gochuu dha. Kana milkeessuuf:
Ragaa Qindeessuu: Ragaa kaafamtootaa bifa ammayyaatiin sassaabuu fi qindeessuu.
Mirga Kabachiisuu: Kaafamtoonni beenyaa isaanii haala haqa-qabeessa ta’een akka argatan hordofuu.
Qubsummaa fi Bu’uura Misoomaa: Bakka qubsumaa haaraatti bishaan, ibsaa, karaa fi tajaajiloota hawaasummaa guutuu.
Gahoomsuu Dinagdee: Hawaasni kaafame carraa hojii madda galii itti fufiinsa qabu irratti akka bobba’u deeggarsa maallaqaa, leenjii fi galteewwan misoomaa dhiyeessuu.
Baga Nagaan Dhuftan!
Ejensiin Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa (EKMO) tajaajila iftoomina, haqummaa fi amanamummaa qabu hawaasaaf kennuuf hulaan isaa yeroo mara banamaa dha. Gaaffii, odeeffannoo dabalataa ykn tajaajila barbaaddaniif teessoo keenya armaan gadiin nu quunnamuu dandeessu.