Tajaajiloota Keenya

Baga Gara Weebsaayitii Ejensii Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaatti Nagaan Dhuftan!

kafamtoota

Tajaajila

Tajaajiloota Keenya

Ejensiin keenya tajaajiloota gurguddoo armaan gadii ni kennaa:

Tajaajila

Tajaajiloota Keenya

1a
Misoomaa fi Deebisanii Dhaabuu

Hawaasa kaafameef deeggarsa hawaasummaa fi diinagdee taasisuun jireenya amansiisaa akka qabaatan gochuu.

2a
Hordoffii Beenyaa (Compensation)

Haqa-qabeessummaa tilmaama beenyaa hordofuu fi kaffaltiin sirrii ta'e yeroodhaan akka raawwatamu taasisuu.

3a
Bu’uuraalee Misoomaa Guutuu

Bakka qubsumaa haaraatti bishaan, ibsaa, karaa, manneen barumsaa fi buufata fayyaa guutuu

4a
Carraa Hojii fi Leenjii

Hawaasni kaafame hojii madda galii dhaabbataa ta’e (qonna magaalaa, invastimantii, daldala) irratti akka bobba'u deeggarsa teeknikaa, leenjii fi galteewwan mijeessuu.

5a
Mirga Kabachiisuu fi Komii Hiiku

Mirga kaafamtootaa kabachiisuu fi komiiwwan hawaasa irraa dhiyaatan bifa iftoomina qabuun furuun murtii haqa qabeessa kennuu.

6a
Bulchiinsa Fandii

Fandii Naannooftuu (Regional Fund) deebisanii dhaabbannaa hawaasaatiif oolu bulchuu.

480666029 959049739661493 3983080843074114282 n

wAA'EE kEENYA

Hundeeffama fi Seeraan Buluu Keenya

Nutis kan ijaaramne dambiiwwan fi labsiilee mootummaa Naannoo Oromiyaatiin yoo ta’u, keessattuu:

  • Dambii Lak. 229/2014 fi 472/2012 irratti hundaa’uun haqa-qabeessummaa tilmaama beenyaa hordofuu fi kabachiisuuf aangoo guutuu qabna.

  • Labsiilee fooyya’an kanneen akka Labsii 1161/2011 hojiirra oolchuun mirgi kaafamtootaa akka hin sarbamne ni hojjena.

Kaayyoo Keenya Inni Guddaan

Kaayyoon keenya hawaasni misoomaaf jecha buqqa’e ykn kaafame tokko, jireenya kanaan dura qabu irra gara jireenya fooyya’aa, amansiisaa fi itti fufiinsa qabutti akka ce’u gochuu dha. Kana milkeessuuf:

  1. Ragaa Qindeessuu: Ragaa kaafamtootaa bifa ammayyaatiin sassaabuu fi qindeessuu.

  2. Mirga Kabachiisuu: Kaafamtoonni beenyaa isaanii haala haqa-qabeessa ta’een akka argatan hordofuu.

  3. Qubsummaa fi Bu’uura Misoomaa: Bakka qubsumaa haaraatti bishaan, ibsaa, karaa fi tajaajiloota hawaasummaa guutuu.

  4. Gahoomsuu Dinagdee: Hawaasni kaafame carraa hojii madda galii itti fufiinsa qabu irratti akka bobba’u deeggarsa maallaqaa, leenjii fi galteewwan misoomaa dhiyeessuu.

Baga Nagaan Dhuftan!

Ejensiin Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa (EKMO) tajaajila iftoomina, haqummaa fi amanamummaa qabu hawaasaaf kennuuf hulaan isaa yeroo mara banamaa dha. Gaaffii, odeeffannoo dabalataa ykn tajaajila barbaaddaniif teessoo keenya armaan gadiin nu quunnamuu dandeessu.

Scroll to Top