Tajaajiloota Keenya
Baga Gara Weebsaayitii Ejensii Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaatti Nagaan Dhuftan!
Tajaajila
Tajaajiloota Keenya
Ejensiin keenya tajaajiloota gurguddoo armaan gadii ni kennaa:
Tajaajila
Tajaajiloota Keenya
Misoomaa fi Deebisanii Dhaabuu
Hawaasa kaafameef deeggarsa hawaasummaa fi diinagdee taasisuun jireenya amansiisaa akka qabaatan gochuu.
Hordoffii Beenyaa (Compensation)
Haqa-qabeessummaa tilmaama beenyaa hordofuu fi kaffaltiin sirrii ta'e yeroodhaan akka raawwatamu taasisuu.
Bu’uuraalee Misoomaa Guutuu
Bakka qubsumaa haaraatti bishaan, ibsaa, karaa, manneen barumsaa fi buufata fayyaa guutuu
Carraa Hojii fi Leenjii
Hawaasni kaafame hojii madda galii dhaabbataa ta’e (qonna magaalaa, invastimantii, daldala) irratti akka bobba'u deeggarsa teeknikaa, leenjii fi galteewwan mijeessuu.
Mirga Kabachiisuu fi Komii Hiiku
Mirga kaafamtootaa kabachiisuu fi komiiwwan hawaasa irraa dhiyaatan bifa iftoomina qabuun furuun murtii haqa qabeessa kennuu.
Bulchiinsa Fandii
Fandii Naannooftuu (Regional Fund) deebisanii dhaabbannaa hawaasaatiif oolu bulchuu.
wAA'EE kEENYA
Hundeeffama fi Seeraan Buluu Keenya
Nutis kan ijaaramne dambiiwwan fi labsiilee mootummaa Naannoo Oromiyaatiin yoo ta’u, keessattuu:
Dambii Lak. 229/2014 fi 472/2012 irratti hundaa’uun haqa-qabeessummaa tilmaama beenyaa hordofuu fi kabachiisuuf aangoo guutuu qabna.
Labsiilee fooyya’an kanneen akka Labsii 1161/2011 hojiirra oolchuun mirgi kaafamtootaa akka hin sarbamne ni hojjena.
Kaayyoo Keenya Inni Guddaan
Kaayyoon keenya hawaasni misoomaaf jecha buqqa’e ykn kaafame tokko, jireenya kanaan dura qabu irra gara jireenya fooyya’aa, amansiisaa fi itti fufiinsa qabutti akka ce’u gochuu dha. Kana milkeessuuf:
Ragaa Qindeessuu: Ragaa kaafamtootaa bifa ammayyaatiin sassaabuu fi qindeessuu.
Mirga Kabachiisuu: Kaafamtoonni beenyaa isaanii haala haqa-qabeessa ta’een akka argatan hordofuu.
Qubsummaa fi Bu’uura Misoomaa: Bakka qubsumaa haaraatti bishaan, ibsaa, karaa fi tajaajiloota hawaasummaa guutuu.
Gahoomsuu Dinagdee: Hawaasni kaafame carraa hojii madda galii itti fufiinsa qabu irratti akka bobba’u deeggarsa maallaqaa, leenjii fi galteewwan misoomaa dhiyeessuu.
Baga Nagaan Dhuftan!
Ejensiin Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa (EKMO) tajaajila iftoomina, haqummaa fi amanamummaa qabu hawaasaaf kennuuf hulaan isaa yeroo mara banamaa dha. Gaaffii, odeeffannoo dabalataa ykn tajaajila barbaaddaniif teessoo keenya armaan gadiin nu quunnamuu dandeessu.